Ityoophiyaa keessatti qormaanni guddaan hojii dhabdummaadha- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa keessatti qormaanni guddaan hojii dhabdummaa ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Rakkoo hojii dhabdummaa furuun qala’insa jireenyaa to’achuuniifi interpiraayizoonni hojiiwwan indaastirii fi qonna magaalaa keessatti wayita hirmaatan Ityoophiyaan nyaataan akka of dandeesuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Baankiin Misooma Ityoophiyaa leenjii marsaa 4ffaa Interpiraayizota Xixiqqaa fi Gidduugaleessaaf Adaamaatti kennuu eegaleera.

Leenjichi Guraandhala 14-18, 2015tti kan turu yoo ta’u namoota 2,500 oltu irratti hirmaata.

“Rakkoo hojii dhabdummaa furuun qala’insa jireenyaa to’achuun keessattuu Interpiraayizoonni hojiiwwan indaastirii fi qonna magaalaa keessatti gaafa hirmaatan Ityoophiyaan nyaataan akka of dandeesuuf kan gargaaran ta’uu eeraniiru.

Obbo Shimallis Abdisaan baniinsa sagantichaa ilaalchisuun haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaa keessatti qormaanni guddaan hojii dhabdummaa ta’uu kaasuun qabeenya qabnu sirnaan itti fayyadamuu dhabuurraa madda jedhan.

Interpiraayizoonni xixxiqqaa fi giddugaleessaa qindoominaan hojjechuun rakkoo kana mo’achuu akka qaban eeraniiru.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil biyya miiliyoononni keessa jiraatan keessatti kumaatamoota duuressa taasisuun barbaachisa ta’uu eeruun, cimine hojjechuu qabna jedhaniiru.

Baankiin Misooma Ityoophiyaas rakkoo biyyattii kan ta’e hanqina faayinaansii furuun Interpiraayzeroota hedduu horachuuf tattaaffiin taasisaa jiru itti fufuu qaba jechuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment