“Ityoophiyaa keessa garee malee paartiin siyaasaa ga’umsa qabu hinjiru”- Dooktar Diimaa Nagawoo

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa keessa jijjiiramni siyaasaa akka hindhufneef sababa guddaa kan ta’e paartiileen ga’umsa qaban dhabamuu fi cimanii of ijaaruurra karaa faffaca’een garee gareedhaan hundaa’uusaaniiti hayyuun siyaasaa Dooktar Diimaa Nagawoo.
Sochiin akkanaammoo paartii morkataa jedhamanii waamamuun ala jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyyi barbaadu ni milkeessa jedhanii yaaduun hindanda’amu.
Dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti hayyuun siyaasdinagdee hangaftichi, Dooktar Diimaa Nagawoo akka jedhanitti, caalanii argamuufi filatamanii biyya gaggeessuuf siyaasa gabaan barbaadu qabatanii dhiyaachuun dirqama haalli yeroo barbaaduudha.
Paartiileen heddu maqaadhaan jiraatanis ga’umsaa fi siyaasa gabaan barbaadu qabatanii dhiyaachuurratti hanqina guddaa qabu.
Paartiileen morkattootaa Ityoophiyaa keessa socho’an hedduun jiraatanis ijaarama gareetiin ala paartiin siyaasaa ga’umsa ummata hawatu, dadammaqsuu fi faayidaa ummataa kabachiisu hinjiru jedhan.
Paartiileen siyaasaa faayidaa ummataa kabachiisuuf, gaaffii ummataa deebisuufi filatamanii biyya hogganuuf yoo kutannoo qabaatan karaa haaraafi qindaa’aa ta’een of ijaaruun dirqama jedhu.
Rakkoon ijaarama paartiilee siyaasaa keessa jiru yoo furame malee paartii morkataan caalee argamuun filatamu jira jedhanii yaaduun dogoggora kan jedhan Dooktar Diimaan, ummanni filannoo gaggeessus ga’umsaa fi qindoomina paartiin qabu ilaalee waan ta’eef gamanumaa itti yaaduun murteessaa ta’uu ibsu.
Paartiin tokko siyaasaan ga’oomee filatamuun biyya hogganuu kan danda’u faayidaa ummata bal’aafi biyyaa karaa walqixa ta’een mirkaneessuuf yoo carraaqe qofa ta’uus ibsaniiru.
Hanga kun hanga hintaanetti ummanni nufilata jedhanii gabaa siyaasaa keessa galuun hiika kan hinqabne ta’uullee hayyichi ni dubbatu.
Paartiileen ammaan tana Itoophiyaa keessa jiran kan garee muraasaati jedhanii, humna muraasa kanaan carraan aangootti dhufanii biyya jijjiiruuf qaban gadaanaa ta’uu ibsu.
Kanaaf paartiileen filatamanii dheebuu dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa lammiilee deebisuuf karaa qindaa’aa ta’een of ijaaruu akka qaban dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment