Ityoophiyaa kan ishee barbaachisu hoggansa rakkoolee umamaniif osoo hin mo’amiin abdii ishee boruu  dhugoomsuudha-MM Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaa kan ishee barbaachisu hoggansa rakkoolee umamaniif osoo hin mo’amiin abdii ishee boruu  dhugoomsuudha jechuun Muummeen Ministira Abiy Ahimad dubbataniiru.

MM Abiy Ahimad kana kan dubbataan xumura leenjii  hoggantootaa olaanoo mootummaa haaraa muudamaniif Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti laatameerratti erga dabarsaniinii.

Ityoophiyaatti haaloonni rakkisoon  heddummaataniis Ityoophiyaan garuu abdiishee boriin kan guutamteedha jedhaniiru.

Ta’uus hoggansi rakkoowwan yerootti muudataaniin osoon hin mo’amiin abdiishee boruu dhugoomsuuf dhama’uu qaba jedhaniiru.

Hoggansii itti gaafatamummaan laatameef hojiiwwan itti laatamee baasii osoo hin qisaasseessiin akka raawwatu yaadachiisuusaanii TOI gabaaseera.

Guyyoota darbaniif laatamaa kan ture leenjiichi har’a xumurameera.

Suuraan Faayila

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment