Ityoophiyaa, Jibuutii fi Rashiyaan fooramii daldalaa waloo gaggeessan

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Fooramiin daldalaa waloo Ityoophiyaa, Jibuutii fi Rashiyaa magaalaa Mooskootti gaggeeffameera.

Fooramichi qindoomina koree qindeessa deeggarsa diinagdee Afrikaa( AFROCOM) fi Mana Maree waldaalee daldalaa Raashiyaan gama viidiyoo koonfiransiin gaggeeffamuu ibsameera.

Fooramicharratt Bakka buutonni mana maree daldalaa Ityoophiyaa fi Jibuutii, Ministiroonni, Ityoophiyaa fi Jibuutiitti ambaasaaddaroonni Raashiyaa, Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon argamaniiru.

Maricharratti gama Ityoophiyaan Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa, Manni Maree Waldaalee Daldalaa Ityoophiyaa fi hoggantoonni Waldaa Bunaa fi Shaayee Ityoophiyaa ibsa laataniiru.

Fooramiochi dhaabbilee daldalaa xixiqqaa fi giddugaleessaa Raashiyaa irraa muuxannoo qooddachuuf, dandeettii invastimantii Ityoophiyaa fi Jibuutii mul’isuu fi hariirii daldalaa fi diinagdee gam-lamee fooyyessuun haala mijataa uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment