Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin Paarkii Agroo-Indaastirii fi Indaastirii Faashiniin waliin hojjechuuf waliigaluu ibsameera.
Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal Ityoophiyaatti ambaasaaddara Xaaliyaanii Agoostiiyoonoo Paaleesee waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.
Obbo Malaakuun Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin hariiroo baroota dheeraa kan qaban ta’uu kaasuun hariiroo isaanii fooyyessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa oomishtummaa, qulqullinaa fi dorgomtummaa damechaa guddisuuf boqonnaa jijjiiramaa ariifachiisuun buufata Indaastirii Manuufaakchariingii ta’uuf karoora guddaa qabaachuu eeraniiru.
Karoora kana milkeessuufis Paarkiiwwan qindaa’oo Agroo Indaastiri Afur ijaaramuu kaasaniiru.
Kanneen keessaa sadii eebbifamanii hojii eegaluu fi Ministeerichi hojiiwwan isaanii deeggaraa, gamaggamaa fi sadarkaa guddina isaanii gabaasaa gochaa jiraachuu addeessaniiru.
Fuuldurattis mootummaan Ityoophiyaa falaasama suuta suuta gabaa banuu hordofuun diinagdee si’ataa uumuuf karoorsuu himaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Xaaliyaanii Agoostiiyoonoo Paaleesee gamasaaniin biyyoonni lameen hariiroo diinagdee cimaa qabaachuu fi hariiroon kun gara hojii qabatamaatti jijjiiramuu akka qabu eeraniiru.
Biyyi isaanii gama Paarkii Agroo Indaastirii fi indaastirii Faashiniin muuxannoo gaarii kan qabdu ta’uu yaadachiisuun mootummaan Xaaliyaanii damichaan deeggarsa teekinikaa fi muuxannoo qooduuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.