Ityoophiyaa fi UAE gidduutti waliigalteen dameewwan garaagaraa 17 mallatteeffame

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Pireezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammaad Biin Zayid Al Naahiyaan waliin marii gamlamee gaggeessaniiru.

Dureewwan lameen hariiroon Ityoophiyaa fi Emereetota araba gamtoomanii gidduu yeroo yeeroon cimaa dhufuu ibsaniiru.

Keessumaa hariiroo ummatoota biyyoota lameenii fi dhalootaa dhufuuf riqichootaa cimaa ijaaruuf kutannoo qaban ibsaniiru.

Marii gama lameenii gaggeeffame hordofees dureewwan lameen, biyyoonni lameen dameewwan indaastirii, qonnaa, invastimantii, faayinaansii dabalatee dameewan garaagaraan biroon 17 irratti waliigaltee mallatteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment