Ityoophiyaa fi Sudaan walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Bitooteessa 7, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa fi Sudaan damee kominikeeshinii odeeffannoo, teeknooloojii dijitaalaa fi teelekominikeeshiniin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii Dooktar Ballaxaa Mollaa jila Ministira Teleekominikeeshinii fi Odeeffannoo Dijitaalaa Sudaan Adiil Usmaan Mahaammadiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Dooktar Ballaxaan, Ityoophiyaa fi Sudaan seenaa waloo baroota dheeraa kan qaban ta’uu kaasaniiru.

Biyyoonni lameen damee saayinsii teeknoolojii fi kominikeeshiniin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaluun dhimmaa yeroon gaafatu ta’uu himaniiru.

Biyyoota lameen damee teelekominikeeshiniin, odeeffannoo dijitaalaan walitti hidhuun jireenya ummatootaa fooyessuun, mootummootaa fi dhalootarraa kan eegamudha jedhaniiru.

Waliigaltechas karooraa bu’aa fiduu danda’an bocuun hojiitti hiikuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamus himaniiru.

Adal Hasan Mohaammad gama isaaniin jilli isaanii gara Ityoophiyaa kan dhufeef damee teeknooloojii dijitaalaan walta’iinsaan hojjechuu fi fayyadamuun, diinagdee dijitaalaa waloon diriirsuuf waliigaltee dandeessisu mallatteessuu ibsaniiru.

Fuuldurattis gareen teekinikaa hundaa’ee waliigaltecha hojiirra oolchuuf akka hojjetan ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameen waliigalteen mallatteessan lammiile naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan jiraataan fayyadamtoota taasisuuf kan kaayyeeffateedha jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment