Ityoophiyaa fi Sudaan nageenya naannoo daangaa jiru mirkaneessuuf waliin kan hojjetan ta’uu ibsame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan nageenya naannoo daangaa jiru mirkaneessuuf waliin kan hojjetan ta’uu hongantoonni waraanaa olaanoon biyyoota lamaanii ibsan.

Jilli hoggantootaa waraanaa olaanoo biyyoota lamaanii nageenya naannoo daangaa jiru mirkaneessuun haala danda’amurratti magaalaa Bahaar Daaritti mari’ataa jiru.

Rakkoo nageenyaa darbee darbee naannoo daangatti muudatu haala ittisuun danda’amurratti xiyyeeffachuun marii taasisu jedhame.

Abbootiin qabeenyaa Sudaan tibba darbee Ityoophiyaatti iddoolee garaagaraa daawwachuun isaanii hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu agarsiiftudha jedhameera.

Rakkoo nageenyaa darbee darbee naannoo daangatti muudatu furuuf waliin kan hojjetan ta’uu dursaan hoggantootaa waraanaa olaanoo Ityoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Muluualem Admaasuu fi dursaan hoggantootaa waraanaa olaanoo Sudaan Meejar Jeneraal Soowalihi Abdallaa Isaaq beeksisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment