Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa waliigaltee tajaajila Geejjibaa Qilleensaa mallateessan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa tajaajila Geejjibaa Qilleensaa eeyyama yeroon laatamaa ture dhaabbataa fi hunda galeessa taasiisuuf waliigaltee mallateessaniiru.

Waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e balalliin eeyyama yeroon taasiifamaa ture qabiyyee seeraa akka qabaatu kan dandeessisu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshiinii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Manneen Hojii Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii biyyoota lamaanii dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Ityoophiyaa Getaachoow Mangiftee fi gama Sudaan Kibbaan gitni isaanii Balaliisaan Xiyyaaraa Suubeek Deeviid waliigalticha mallatteessaniiru jedhame.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa guyyaatti yeroo lama gara Magaalaa Guddoo Sudaan Kibbaa Juubaatti balallii idilee ni taasiisa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment