Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu tajaajila geejiba lafarraa, irra deebiin jalqabuuf kan kaayyeffate mariin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu imaltootaaf tajaajila geejiba lafaarraa irra deebiin jalqabuuf kan kaayyeeffate mariin gaggeeffameera.

Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo fi Miseensonni Hoggantoota Waldaa Geejibaa Sudaan, Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu sababa vaayirasii koronaan addaan citee kan ture imaltootaaf tajaajila geejiba lafarraa irra deebiin itti fufsiisuuf haaldureewwan barbaachisan irratti mari’atameera.

Haaluma kanaan, gama Sudaaniin fedhiin jiraachuu ibsanii, gama Ityoophiyaanis dhaabbileen dhimmichi ilaallatuun qophii walfakkaataa akka taasisan gaafachuu isaanii ragaan Embaasii Ityoophiyaa Sudaan jiruurraa argame ni argisiisa.

Ambaasaaddar Yibalxaal gama isaaniin, hariiroo ummaataa biyyoota lameenii cimsuu fi lammiilee galii gadaanaan jiraataniif filmaata geejibaa dhiyeessuuf geejibni daandii barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf, dhaabbilee Ityoophiyaa dhimmichi ilaallatuun waliin mari’achuun tajaajila geejiba lafarraa irra deebiin eegalchiisuuf embaasichi akka hojjetu eeraniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment