Ityoophiyaa fi Soomaaliyaan hariiroo isaanii daran ni Cimsu- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Soomaaliyaan hariiroo gamlamee isaanii daran kan Cimsan ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad beeksisan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad haasawaa sirna kabaja muudama Preezdaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Maahimmud irratti taasisaniin, Soomaaliyaatti ce’umsi aangoo karaa nagaan gaggeeffamuusaatti gammaduu ibsaniiru.

Waggoottan darbanitti Ityoophiyaan imaammata alaa guddinaa fi misooma waloorratti bu’uureffate hordofuu isheetiin Ityoophiyaa fi Soomaaliyaan walitti hidhamiinsa naannawaarratti daandii haaraa saaquu ibsaniiru.

Injifannoo dippiloomaasii waggoottan muraasa darban keessatti argaman Preezdaantii haaraa waliin daran kan cimsan ta’uu eeraniiru.

Soomaaliyaan yeroo itti aanutti  carraawwan jijjiiramaa fi misoomaa ilaaluu akka itti fuftu kaasuun, mootummaa fi uummata Soomaaliyaaf milkaa’ina hawwaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment