Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC)- Ministir deetaan Ministeera Daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa obbo Dheengee Booruu fi Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Somaaliyaa Kaaliif Abdii Uumaar dhimmoota jijjiirraa daldalaa lameenii cimsuuf dandeessisan irratti mari’ataniiru.
Yaada qaamolee indaastirii fi kanneen dhimmi ilaallatuu biroon laatan tilmaamama keessa galchuun hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii cimsuuf dhimmoota dandeessisaan irratti marii taasisuu ragaan Ministeera Daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaarra argame ni muul’dhisa.
Mootummaan Ityoophiyaa fi Somaaliyaa waliigaltee daldalaa daangaa ce’aan irratti fayyadamummaa uummattoota biyyoota lamaanii dabaluu fi daldalaa seeraan alaa daangaa ce’aan ittisuuf hojjechuufis waliigalaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.