Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Jilli Gorsaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin durfamu Somaaliilaand magaalaa Hargeessaa galeera.
Jilichi Preezdaantii Soomaaliilaand Muusaa Bihii waliin mari’achuu Ambaasaaddar Reedwaan ergaa gama tiwiitara isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Mariisaaniin rakkoolee daldalaa fi tiraanziitii akkasumas dhimmoota walta’iinsaa biyyoota lameenii irratti mul’atan waloon haala furuun danda’amurratti mari’achuu kaasaniiru.
Waliigalticha hojiirra oolchuuf Koree waloo hundeessuuf waliigaluus ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.