Ityoophiyaa fi Siwiizarlaand marii siyaasaa waloo 5ffaa gaggeessan

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Siwiizarlaand dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanii haaraa filataman irratti marii siyaasaa gaggeessaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaan, Siwiizarlaandi hariiroo damee daldalaa, Misoomaa fi deeggarsa namoomaa Ityoophiyaa waliin qabdu dinqisiifataniiru.
Haala waqtaawaa kaaba biyyattii ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Dhiyeessii deeggarsa namoomarratti tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Itti aanaan Ministira Alaa Siwiizarlaand Siirii Waalt gama isaaniin, biyyi isaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa kan laattu ta’uu eeruu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment