Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo miidiyaa fi Kominikeeshinii walitti dhufeenya isaanii sirriitti calaqqisu qabaachuu qabu -TKM

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo miidiyaa fi Kominikeeshinii walitti dhufeenya isaanii sirriitti calaqqisu qabaachuu akka qaban Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo miidiyaa fi Kominikeeshinii walitti dhufeenya bara dheeraa gama aadaa, seenaa fi Diipiloomaasii isaanii sirriitti calaqqisu qabaachuu akka qaban Ministir DeetaanTajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawwiit Kaasan ibsaniiru.

Salamaawwiit Kaasan Yaa’ii Hoggantoota Afrikaa Raashiyaa magaalaa Qidduus Piitarsibargitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Itti Aanaa Ministiraa Misooma Diijitaalaa,Kominikeeshinii fi Maas Miidiyaa Raashiyaa Beellaa Cheerkeesoovaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaanii, Afrikaanoonni filannoo miidiyaa idil-addunyaa isaanii akka babal’ataniif miidiyaaleen gurguddoon Raashiyaa keessatti argaman hojii dandeettii cimsuu hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Odeeffannoo soba, haasawa jibbiinsaa fi rakkoolee isaan sadarkaa addunyaatti qaqqabsiisaan hir’isuuf biyyoonni lamaan muuxannoo waljijjiiruu fi hojmaatilee bu’aa qabeessa ta’an hojiitti hiikuuf waliigalaniiru.

Miidiyaaleen Raashiyaa Finfinneetti, miidiyaaleen Ityoophiyaa ammoo Raashiyaatti waajjira banachuuf waliigalamuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment