Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo isaanii cimsanii akka itti fufan ibsame

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) –Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo isaanii bara dheeraa lakkoofsiise cimsanii akka itti fufan ibsameera.

Afa Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Addaam Faraahi  Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Raashiyaa Ivjeeniiy Tarakihin waliin har’a mari’ataniiru.

Marii isaaniin  biyyoonni lamaan bara 1897 irraa eegalee diinaagde, siyaasaa fi hawaasummaarratti hariiroo bara dheeraa lakkoofisee fi cimaa akka qaban kaasaniiru.

Raashiyaan Ityoophiyaaf deggarsaa damee garaagaraa fi tumsa isheef obbo Addaam galateeffataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaniis caalmaatti cimsuu kan dandeessiisu sanada waliigaltee qopheessaa jiraachuus himaniiru.

Sanadicha waltajjii Gamtaa Paarlaamaa idil addunyaa Kiigaaliitti gaggeefamuurratti argamun akka irratti mari’atanii fi itti aansanis Raashiyaa-Mooskootti akka waliif mallatteessan dubbataniiru.

Dhiyeenyatti Federeeshiniin Raashiyaa fi itti aanaan dura ta’aa paartii bulchinsa biyyicha Ityoophiyaa akka daawwatan eeraniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment