Ityoophiyaa fi Raashiyaan damee diinagdee, daldalaa, saayinsii fi teeknooloojiin hariiroo jiru cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ityoophyaa fi Raashiyaan damee diinagdee, daldalaa, saayinsii fi teeknooloojiin hariiroo jiru cimsuuf waliigaluun isaanii ibsame.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin daawwanna hojiif Ityophiyaa kan jiran Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan, hariiroo Federeeshinii Raashiyaa waliin jiru akkuma guddisaa dhufamee fi daawwannaa kanarrattis dhimmoota waloorrattii waliin hojjechuun itti fufuu qaba jedhaniiru.
Marichaan boodas ibsa waloo kennaniin, Obbo Dammaqaan damee diinagdee, daldalaa, saayinsii fi teeknooloojiin hariiroo jiru cimsuuf waliigalleerra jedhan.
Marii gamsadee Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisees Obbo Dammaqaan akka jedhanitti, Ityophiyaan qajeelfamarratti bu’uureffachuun firii qabeessa ta’e akka xumuramu ejjennoo qabdu ibsaniiruufi.
Waggootaan lamaan darbanis Raashiyaan qajeelfamaa bu’uureffachuun deeggarsa Ityoophiyaaf taasisteef galateeffataniiru.
Haala yeroo Ityoophiyaarrattis ibsa bal’aa kennaniiruu.
Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Seergee Laavroov gama isaaniin, Ityoophiyaan Raashiyaa waliin hariiroo bu’aa qabeessaa qabachuutti gammadduu ta’uu ibsaniiru
Koomishiniin waloo biyyoota lameenis akka gaggeeffamu Raashiyaan fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Seergee Laavroov dabalataan, Raashiyaan dhimmoota idil addunyaa fi naannawaa irratti Ityoophiyaa waliin hojjechuu itti fufti jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment