Ityoophiyaa fi Raashiyaa tumsi damee barnootaaf taasifamu cimee akka itti fufu ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Raashiyaa tumsi damee barnootaaf taasifamu cimee akka itti fufu ibsame.

Ministirri Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa Ityoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa Iivgeet Tarkiin waliin mari’ataniiru.

Marichaan dhimmoota komishinii biyyoota lameen gidduu jiruu fi bara kana Ityoophiyaatti kan gaggeeffamu haala komishinii biyyota waliinii akkasumaas wantoota raawwataam irratti mariin ta’eera.

Dabalataan mootummaa Raashiyaan kan laatamu carraa barnoota bilisaa irratti marii’achuu ragaan ministeera barnootarraa argame ni muldhisa.

Ityoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa Iivgeet Tarkii deeggarsi damee barnootaaf ta’u cimee akka itti fufu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment