Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti waliigalteewwan walta’iinsa jiran cimsan mallatteeffaman

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti waliigalteewwan walta’iinsa odeeffannoo, bu’uuraalee misoomaa fi bizinasii jiran cimsan mallatteeffamaniiru.

Waliigaltechaas Yaa’ii Raashiyaa-Afrikaa gaggeeffamaa jirurratti miseensota garee jilaa Ityoophiyaa hirmaachaa jiran mallatteeffameera.

Ityoophiyaa fi Raashiya gidduutti nageenyaa odeeffannoo Idil Addunyaarratti waloon hojjechuuf waliigalteen dandeessisu Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa fi Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov mallatteessaniiru.

Waliigaltechi, damee nageenyaa odeeffannoo idil addunyaa irratti dandeettii ijaaruu, nageenya saayibarii eegsisuu akkasumas bu’uuraalee misoomaa fi dandeetti teeknooloojiin waloon fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Biyyoonni lameen, damee geejjibaa qilleensaa dagagsuuf waliigalteen kaayyeffates kan mallteeffamee ta’uunis eerameera.

Waliigaltichas Ministirrii Geejjibaa Raashiyaa Iigoor Chaaliik biyyootaa Afrikaa waliin walitti hidhamiinsa jiru cimsuuf Daandiin Qilleensaa Ityoophyaa gahee olaanaa akka qabaatu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment