Ityoophiyaa fi Qoophiroos hojiilee misoomaa tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Qoophiroos hojiilee Invastimantii, Turizimii fi Qonnaarratti tumsaan hojjechuuf walii galan.
Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan Ministeera Dhimma Alaa Qophiroositti Daayreektara jeneraalaa Giddu gala Afrikaa Bahaa fi dhimmoota Afrikaa Teesaaliyaa Saaliinaa Shaamboos waliin mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo waloo bara dheeraa qaban caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Hojiilee Invastimantii, Daldalaa, Turizimii fi Qonnaarratti tumsaan hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuun walii galaniiru jedhame.
Ambaasaaddar Dammituun haala waqtaawaa Siyaasaa, Diinagdee, nageenya waaraa mirkaneessuu fi misoomaa gama mootummaa Ityoophiyaan hojjetaman ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Daayrektarri Jeneraalaa Teesaaliyaa Saaliinaa Shaamboosiin gama isaaniin, tarkaanfiin mootummaan damee hundaan fudhachaa jiru jajjabeessaa ta’uu ibsuu ragaan Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment