Ityoophiyaa fi Ostiriyaan waliigaltee Tajaajila Balallii Qilleensaa mallatteessa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ostiriyaan waliigaltee Tajaajila Balallii Qilleensaa mallatteessa.

Ityoophiyaa fi Ostiriyaan waliigaltee Tajaajila Balallii Qilleensaa guyyaa kaleessaa mallatteessaniiru.

Waliigalticha Daayreektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Koloneel Wasan yalaw Hunanyaawuu fi Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Ostiriyaa Roolaandi Haawusar mallatteessaniiru.

Waliigaltichi hariiroo Ityoophiyaa fi Ostiriyaa caalumatti cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Dabalataanis, tajaajila qilleensaan daldalaa fi invastimantii jajjabeessu, daladala alaa deeggaruu, turizimii babbal’isuu, carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuuf ga’ee akka qabu Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment