Ityoophiyaa fi Noorweey vaayrasii koroonaa ittisuuf kan waliin hojjetan ta’uu beeksisan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, ministira Dhimma Alaa Noorweey Iin Maarii Eeriiksan waliin dhimmoota tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun itti danda’amurratti bilbilaan mari’atan.
 
Obbo Gadduun vaayrasicha ittisuuf sochii Ityoophiyaan taasisaa jirturratti ministirittiif ibsa laataniiru.
 
Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaatis tumsaa fi sochii ittisa vaayrasichaarratti taasisaa jirurratti ibsa laataniiru.
 
Ministirittiin gama isaanitiin weerara vaayrasichaa ittisuuf tumsi barbaachisaa ta’uu ibsanii, biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin kan dhaabbattu ta’uu eeraniiru.
 
Dabalataan biyyi isaanii Gamtaa Awrooppaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment