Ityoophiyaa fi Morookoon tumsasaanii cimsuuf waaligalan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, Ityoophiyaa fi Jibuutiitti Ambaasaaddara Mootummaa Moototaa Morookoo Naazihaa Alaawiwii Miihaamdii waliin mari’ataniiru.
Marii isaanitiin Ityoophiyaa fi Morookoon tumsasaanii dameewwan gama hundan qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Obbo Taaggasaa Caafoo, hariiroo seenaa qabeessaa biyyoota lamaanii kaasuun, hariiroon biyyoota kun walitti dhufeenyaa uummatoota kan cimsee fi miirrii michummaa Afrikaanootaan muul’acha deemuu akka qabu eeraniiru.
Tumsichi fedhii uummaattoota biyyoota lamaanii bu’uura kan taasisee akka ta’u ibsaniiru.
Kanarra ka’uun hojiiwwan uummattootaa lamaanii ilaallatuu karaa paarlaamaatiin hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Naazihaa gama isaaniitin, Ityoophiyaa fi Morookoon michummaa baroota moototaarra eegalee akka qaban ibsuun, michumma kana cimsuuf tumsaan ni hojjanna jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Comments (0)
Add Comment