Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hojii kaartaa diroonii babal’isuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti hojii kaartaa diroonii babal’isuuf waliigaltee mallattaa’eera.

Ministeerri Bu’uuraalee Misoomaa FDRI fi Inistiityuutiin Ayiveshinii Nageenya Teeknooloojii Kooriyaa Kibbaa gidduutti hojii kaartaa diroonii babal’isuuf waliigaltee mallattaa’eera.

Waliigaltichi tajaajila kaartaa Diroonirratti hundaa’ee fi ce’umsa ogummaa olaanaa gara Ityoophiyaa fiduu ta’uu eerameera.

Piroojektichi dhaabbata Kooriyaa Kibbaa Diroonirratti hundaa’e Ji’oomaatiikii fi ogeeyyi qorannoo Hoojuung Sooluushiinsi jedhamuun kan hogganamu ta’uu ibsameera.

Waliigalteen kun ogummaa Diroonii, uwwisa Nageenyaa fi hojiirra oolmaa Dirooniirratti tumsaan hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment