Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo Daldalaa, Invastimantii fi Damee Ijaarsaa caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.
Jilli Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Dassee Daalkeen durfamu Kooriyaa Kibbaa Bulchiinsa Giiyoongisaangibuuk Dootti dawwannaa hojii taasiseera.
Bulchaa bulchiinsichaa Chee’ool Wuu Lii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Haala hariiroo waloo cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Hariiroo Daldalaa, Invastimantii fi Damee Ijaarsaa Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.