Ityoophiyaa fi Jiibuutiin yakkoota daangaa ce’aa haala ittisuun danda’amurratti waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallash Gabramikaa’el daayreektarri Poolisii biyyaalessa Jiibuutii Kolooneel Abdullaahii Abdii Faaraahi waliin yakkoota daangaa ce’aa haala ittisuun danda’amurratti waliin mari’ataniiru.

Daddabarsa namootaa seeraan alaa, maallaqaa, meeshaalee waraanaa, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’aa biroo ittisuurratti marii taasiisaniiru.

Sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Hojiirra oolmaa isaaf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himameera.

Dhaabbileen lamaan biiroo banachuun waliin hojjechuuf carraa kan banu ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallash Gabramikaa’el ibsaniiru.

Daayreektarri Poolisii biyyaalessa Jiibuutii Kolooneel Abdullaahii Abdii Faaraahivgama isaan, yakkoota daangaa ce’aa farra nageenyaa fi tasgabbii ta’an waliin ittisuuf waamicha taasiifame galateeffataniiru.

Dhaabbileen poolisii biyyoota lamaanii tumsa isaanii caalmaatti cimsuun daangaarratti koree hundeessuun kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment