Ityoophiyaa fi Jibuutiin Daandii, tajaajilawwan buufataa fi bakka konkoolaattonni dhaabatan foyyeessuuf waliigaluusaanii himame

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jibuutiin Daandii, tajaajilawwan buufataa fi bakka konkoolaattonni dhaabatan foyyeessuuf waliigaluusaanii himame.
Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee Dura Taa’aa Buufata Daldala Bilisaa Idil Addunyaa Jibuutii obbo Abuubakar Omar Haadii waliin tajaajila daandii ,tajaajilawwan buufataa fi bakkee dhaabbii konkoolaataa Ityoophiyaa fi Jibuutii gidduu jiru foyyeessuuf waligalaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun diinagdee biyyoota lameenii guddisuuf gumaacha olaanaa kan qabu daandiin Daakil hangaa Daguruu ariitiin ijaaramee akka xumuramuuf hordooffiin akka barbaachisu himaniiru.
Hojii ijaarsa daandichaa kan hafe kiiloomeetira 80 yoo ta’u yeroo gabaabaa keessatti eegaluuf haala dandeessisu irratti mari’ataniiru.
Dabalataanis, buufata hunda galeessa Dooraalee fi kontiinara terminaalii jibuutii sarara baabuuraa Ityoo-Jibuut waliin walqunnamsiisuun dandeettii tajaajiloota buufataa fooyyessuuf yaada wal jijjiiraniiru.
Akkasumas, gama Jibuutiin buufata gaazii Hooraayzaanii fi gama Ityoophiyaan gara sarara baaburaa Ityoo-Jibuutii Awaashitti walqunnamu kuusaa gaazii hundeessuuf waliigalaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment