Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jibuutii qaama daandii gaalafi Jibuutii kan ta’e daandii Diikniil Daaguruu kiiloo meetra 80 fooyyessuf waliigalteen mallattaa’e.
Haala amma jiruun daangaa Ityoophiyaa hanga buufata Jibuutiitti kan ragamu daandii kiiloo meetra 220 keessa Diikniil hanga Daaguruu kan argamu daandii kiiloo meetra 80 baayyee kan miidhamee fi geejjibaaf baayyee rakkisaadha.
Sababa kanaaf buufata Jibuutii gara Ityoophiyaatti imallli taasifamu baayyee rakkidha.
Sirna waliigalticharratti Ministirri Geejjibaa Ityoophiyaa aadde Daagimaawwit Magaas fi Abbaan taayitaa Forzaan Paartis Jibuutii Abuubakar Umar Hajii argamuun mallatteessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.