Ityoophiyaa fi Jarman waliigaltee deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.25 mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Jarmaan waliigaltee deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.25 mallatteessaniiru.

Deeggarsichis Ityoophiyaan Eejensii Inshuraansii Daldalaa Afrikaaf (ATI) gumaacha taasiftu guddisuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

Waliigalteen taasifames Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2023’tti tarree biyyoota galii giddugaleessaa hiriiruuf tattaaffii taasiftu milkeessuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun, Ityoophiyaa fi mootummaa Deenmaarki gidduutti waliigalteen deeggarsaa Birrii miiliyoona 555 malatteessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Waliigaltechas Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu bakka bu’oota mootummoota biyyootaa waliin mallatteessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment