Ityoophiyaa fi Jaappaan misooma daandiif Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 mallateessan

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa fi Jaappaan misooma daandiif waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 mallateessaniiru.
Waliigalticha Ministirr Deettaan Ministeera Maallaqaa Yaasmiin Wahaabrabiina Ityoophiyaatti aanga’aa guutuu ambaasaaddara Jaappaan Iitoo Taakoon mallateessaniiru.
Waliigaltichi mootummaa Jaappaaniin sagantaa hojii misooma idilee jalatti kan argamuu tumsa misooma diinagdee fi misoomaa hawaasummaa keessaa qaama tokkodha jedhameera.
Abbaan Taayitaa daandiwwaan Ityoophiyaas daandiwwan gurguddoo gara Jibuutii fi Sudaan geessan haaromsuuf kan ooludha jedhameera.
Ministir deettaattin hariiroo waloo biyyoota lamaanii cimee akka itti fufuuf abdii qaban ibsaniiru.
Deeggarsichi Ityoophiyaatti babaldhinaa magaalootaa fi lakkoofsi konkolaattootaa dabaluurran kan ka’ee dhiphina tiraafikaa foyyeessuu, imaltootaaf haala mijataa uumuu fi qisaasamaa yeroo hiri’suuf ni gargaara jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment