Ityoophiyaa fi Ispeen waliigaltee tumsa Dinaagdee waggoota 5’f turu waliif mallatteessaan

Finfinnee, Guraandhala 9, 2015(FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa fi Ispeen waliigaltee tumsa dinaagdee waggoota 5’f turu waliif mallatteessuu ibsame.

Waligaltchas Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Ministirri Ministeera Dhimaa Alaa Ispeen Hosee Maani’eel Albaarees Beenoon mallatteessaniiru.

Obbo Ahimad Shideen Ityoophiyaa fi Ispeen hariiroo waggootta dheeraa qabachuu eeruun, deeggarsa yeroo ammaa mootummaan Ispeen waliin ga’iinsaa tajaajila fayyaa ,misooma baddiyyaa hirmaachisaa fi sirna koorniyaa irratti taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Minisitirri Dhimma Alaa Ispeen gamasaaniin, waliigalteen mallatteeffame hariiroo Ityoophiyaa fi Ispeen caalmaatti kan cimsu ta’uu eeruun, mootummaan Ispeen galmoota misoomaa Idil Addunyaa milkeessuuf mootummoota waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waligaltichi hojiilee kanaan dura gama, fayyaa, misooma baaddiyyaa ,sirna koorniyaa fi deeggarsa namoomaan hojjetamaa jiran kan cimsuu ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment