Ityoophiyaa fi Ikwaatooriyaal Giiniin waliigaltee viizaa bilisaa mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ikwaatooriyaal Giiniin marii waloo biyyoota lamaanii Finfinneetti gaggeessaniin waliigalte viizaa bilisaa mallatteessaniiru.

Lammiileen biyyoota lamaanii tajaajila paaspoortii hin qabne viizaa malee walfuudhuu akka danda’an walii galtee walii mallatteessaniiru.

Waliigaltee kanas ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zammanaa fi ministirri Dhimma Alaa Ikwaatooriiyaal Giinii Simoon Ooyoonoon mallatteessaniiru.

Aanga’oonni lameen dhimmoota hariiroo waloo caalmaatti cimsuu fi waliigaltee kanaan duraa hojiitti hiikuu ilaalchisee marii taasisaniiru.

Oduma walfakkaatun aadde Hiiruut ministira Dhimma Alaa Kaameruun Leejiyuun Mibaalee waliin dhimmoota waloo fi hariiroo biyyoota lamaanii haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment