Ityoophiyaa fi Ikkuwaatooriyaal Giiniin damee albuudaan walta’iinsaan hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ikkuwaatooriyaal Giiniin damee albuudaan walta’iinsaan hojjechuu haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa gita isaanii Ikkuwaatooriyaal Giinii Gabri’eel Mibaagaa waliin Finfinneetti mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen dameewwan garaagaraan walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu haalota dandeessisuun irratti mari’achuu isaanii Injiinar Taakkalaan toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Biyyoonni lameen damee albuudaan walta’iinsaan hojjechuuf ga’umsa akka qaban himaniiru.
Torban darbe Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Ministeeraa Indaastirii Malaakuu Allibal Ikkuwaatooriyaal Giiniitti daawwannaa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Yerositti damee albuudaa fi invastimantiin waliin hojjechuun akkaataa danda’amurratti mari’ataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment