Ityoophiyaa fi Ikkuwaatooriyaal Giiniin damee albuudaa fi Invastimantiirratti waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ikkuwaatooriyaal Giiniin damee albuudaa fi Invastimantiin waliin hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fuulaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka eeranitti, Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal waliin ta’uun, Ministira Albuudaa fi Boba’aa Ikkuwaatooriyaal Giinii waliin dhimmoota albuudaa, invastimantii fi daldalarratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen damee albuudaa fi invastimantirratti waliin hojjechuuf haalota dandeessisanirratti marii bal’aa taasisuu isaanii ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment