Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Hindiin damee saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshiniirratti waloon hojjechuuf waliigaluu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Deetaan Ministiraa Ministeerichaa Dooktar Baayyisaa Badhaadhaa, hoggantoota dhaabbilee saayinsii fi teeknooloojii Hindii gama Kibbaatti argaman waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, Hindii gama Kibbaatti dhaabbilee saayinsii fi teeknooloojii argaman damee saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshiniin ministeerichaa waliin hojjechuuf haalota dandeessisaniirratti mari’ataniiru.
Hindiin Buraayyuutti kan argamu Mana Barnootaa Kennaa Addaa ogeeyyii qaamaanis ta’e oonlaayinii deeggarsaa taasisaniin akka tumsitu, naannawaa innooveeshinii hundeessuuf sochii Ityoophiyan eegalte akka deeggartu mirkaneessiteetti.
Biyyoonni lameen dhaabbilee teeknooloojii haaraa fi teeknooloojii gabbisan deeggaruu, ijaarsa dandeettii ogeeyyii fi dameelee walta’iinsaa saayinsii, teeknoolojii fi innooveeshiniin waloon hojjechuuf waliigaluu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa.
Dooktar Baayyisaa Badhaadhaan, Ityoophiyaaan, damee saayinsii fi teeknooloojii fi innooveeshiniin Hindii waliin qajeelfama kennanii fudhachuutiin walta’iinsaan hojjechuu feeti jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.