Ityoophiyaa fi Hindi damee Bunarrattii akkataa waliin hojjechuu danda’anirrattii mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Hindi damee Bunaarratti akkataa waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Daayirekterrii Olaanaa Bunaa Fi shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan Ityoophiyatti Ambaasaaddaraa Hindii Shiriiroobert waliin mari’ataniiru.

Akkataa Ityoophiyaa fi Hindi damee Bunaarrattii waloon hojjechuu danda’anirrattii mari’achuun isaanii ibsameera.

Dooktar Addunyaan , Ityoophiyaa fi Hindi hariiroo Dippiloomaasiin hojiilee garagaraa waloon hojjechaa turuu yadaachisaniiru.

Abbaoottiin qabeenyaa Hindi hojii misooma Bunaarrattii boba’an jiraachuu eeraniiru.

Gara fula duraas rakkoolee damicha mudatan waloon hiikuuf kan hojjetan ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.

Ambaasaadar Shiriiroobit Waajjira Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayiitti gidduugalaa qorannoo Bunaa daawwachuu ragaan Abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment