Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa marii siyaasaa waggaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaniiru.
Waltajjicha Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin, jila garee Ityoophiyaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyoota Giddugalaa Gamtaa Awurooppaa Roolaand Koobiyaa dursaniru.
Obbo Dammaqaan Mootummaan Ityoophiyaa kutaa kaabaa biyyattitti walitti bu’iinsa dhaabuu fi nageenya waaraa biyyatti mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataa jiruurratti ibsa laataniiru.
Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos, walitti bu’iinsa Kaabaatiin dhiibbaa mirga namoomaa qaamoleen hundi raawwatanii fi haleellaawwan koorniyaarratti bu’ureeffataan dabalate mootummaan tarkaanfiiwwan fudhate ilaachisee ibsa laachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa,deeggarsa namooma addaan hin cinnee naannoo Tigraayiin mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman irratti ibsa laataniiru.
Obbo Mitikkuun lammiilee hongee fi walitti bu’iinsaan miidhamaaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.