Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi mootummaa Faransaay gidduutti waliigalteen deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.02 mallatteeffamuu ibsameera.
Waliigaltichi proojektiiwwan garaagaraa 3 Ityoophiyaa keessatti ijaaraman mootummaan Faransaay maallaqaan kan deeggaruu ta’uu ibsameera.
Proojektiin jalqabaa hojii hambaalee seenaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman suphuu fi kunuunsuuf kan oolu ta’uu eerameera.
Proojektii 2ffaan ijaarsa giddugala leenjii dhaabbata Humna Elektrikaa Ityoophiyaa ijaaramaa jiruuf meeshaalee tajaajilaa guutuuf kan oolu ta’uu eerameera.
Inni 3ffaan deeggarsa Ejensii Waldaalee Siiviilii Hawaasaaf kan oolu ta’uu eerameera.
Waliigalticha Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaareetaa Sawaasawuu fi Ityoophiyaatti hogganaan Dhaabbata Misoomaa Faransaay Vaaleerii Ti’awoo mallatteessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.