Ityoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii dhimmoota yakkaarratti waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Ministeerri Haqaa Ityoophiyaa fi Ministeerri Haqaa Emireetoota Araba Gamtoomanii dhimmoota yakkaarratti waloon hojjechuu fi yakkamtoota dabarsanii walii laachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Obbo Alam Aantee Aggidawuu fi Ministirri Haqaa Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaa Sulxaan Al Nu’ayimiin Abuudaabiitti waliif mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun hariiroo biyyoonni lamaan damee Haqaan qaban caalmaatti cimsa jedhame.

Sirna mallattichaarratti,yeroo itti aanu biyyoonni lamaan dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigaltee akka kanaa mallatteessuun hariiroo Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa caalmatti dhimmoota cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii hariiroo bara dheeraa fi michummaa seenaa qabeessa qaban ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Obbo Alam Aantee Aggidawuu ibsaniiru.

Waliigalteen damee Haqaan mallattaa’e kunis tumsi biyyoota lamaanii cimaa fi michummaan bara dheeraa jiraachuu agarsiiftudha jedhan.

 

Ministirri Ministeera Haqaa Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaa Sulxaan Al Nu’ayimiin gama isaaniin, hariiroon biyyoota lamaanii damee hundaan yeroo gara yerootti cimaa dhufuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyyoota michuu Tarsiimoo Emireetoota Araba Gamtoomanii keessaa tokko ta’uu ishee eeraniiru.

Damee Haqaa dabalataan dameewwan tumsaa biroo irrattis waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ministiroonni kunneen, waliigalteen mallattaa’e sirnaan akka hojiirra oolu xiyyeeffannoon kan hordofan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment