Ityoophiyaa fi Deenmaark dhiyeessii Bishaanii fi Inarjirratti waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaa Ityoophiyaa, Jiibuutii, Sudaan Kibbaa fi Sudaaniitti Ambaasaaddara Deenmaark Kiraa Ismiiz waliin mari’ataniiru.
Haala dhimmoota dhiyeessii Bishaanii fi Inarjiirratti waloon hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Haala abbootiin qabeenya Deenmaark dhiyeessii Bishaanii fi Inarjiirratti hirmaachuu danda’an ilaalchisee marii taasiisaniiru.
Misooma Anniisaa haaromuurratti Imbaasichi hojiilee hojjetu cimsee itti fufuu akka qabu Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaan gaafataniiru.
Ityoophiyaa, Jiibuutii, Sudaan Kibbaa fi Sudaaniitti Ambaasaaddarri Deenmaark Kiraa Ismiiz gama isaaniin Deenmaark Ityoophiyaatti Misooma Anniisaa haaromuurratti deeggarsa taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Ijaarsi Proojektii Madda Anniisaa Haaromuu Asallaa liqaa mootummaan Deenmaarkirraa argameen hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo itti aanus anniisaa haaromu, dhiyeessii bishaanii fi tajaajilarratti Ministeericha waliin hojjechuuf karoorri jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment