Ityoophiyaa fi Chaayinaan Diinagdee fi dameewwan biroon hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Chaayinaa Waang Yuu waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan yaa’ii 77ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yorkitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Yaa’icha cinaatti Waang Yuu waliin dhimmoota waloo fi haala waqtaawaarratti mari’ataniiru.

Tumsa misoomaa biyyoota lamaanii gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment