Ityoophiyaa fi Bahireen damee tuuriizimii fi invastimantiin hariiroo jiru cimsuuf hojjetamaa jira-Amb. Awwal Wagiriis

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Baahireenitti Qonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaa Ambaasaaaddar Awwal Wagiriis Mahaamad Ministeera Dhimma Ala Bahirenitti Hogganaa Olaanaa Dhimmoota Afroo-Eeshiyaa, Ambaasaaddar Faximaa Abdullaa Azaa’iin waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen caalmaan walitti dhiyaachuu fi dhimmoota hariiroo isaanii cimsan hojiirra akka oolan cimanii akka hojjetan ambaasaaddaroonni kunneen marii isaaniin kaasaniiru.

Mirga lammiilee Baahireen jiraatanii kabachiisuun haala danda’amurratti, haalota hariiroo tuuriizimii fi invastimantii cimsuuf dandeessisanirratti mari’achuun isaanii eerameera.

Abbootiin qabeenyaa fi tuuristoonni Baahireen gitoota isaanii Ityoophiyaa waliin akka mari’ataan haala mijeessuufis mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment