Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 walii mallatteessan

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee liqaa fi deeggarsaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 walii mallatteessan.
 
Waliigaltichas ministirri Ministeera Mallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Baankii Addunyaatti daayreektarri Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Kaaroolyiin Tuurk mallatteessaniiru.
 
Waliigalteen deeggarsaa fi liqaa kun sagantaa guddinaa fi dorgomtummaa diinagdee Ityoophiyaaf kan ooludha.
 
Dabalataan damee dhuunfaa deeggaruu, diinagdee weerara vaayrasii koroonaatin miidhamu utubuu, misooma waaraa galmaan ga’uu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf oola.
 
Waliigaltichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 yookin kan Birrii biiliyoona 8.61.
 
Kana keessaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 25 liqaa, Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miliyoonni 25 ammoo deeggarsa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment