Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa misooma diinagdeerratti mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa misooma diinagdeerratti mari’atan.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal jila Baankii Addunyaa waliin misooma diinagdee waaraarratti mari’ataniiru.

Obbo Malaakuun jilli baankichaa Ityoophiyaadhaf tumsa damichaan taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti hoji dhabdummaan %19-20, hiyyummaan %23, qaala’iinsi jireenyaa, qaawwi madaala daldalaa, hanqinni daldala alaa, dhiibbaan liqaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaata’uutii misooma diinagdee keessoon kanarratti karoorfamee xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Baankichatti daayreektarri Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Dooktar Oosmaan Diyoon Ityoophiyaan alergii, oomishtummaa guddisuu, invastimantii kallattii alaaf haala mijataa uumuu fi biyyoota addunyaa waliin hariiroo daldalaa cimsuurratti hojjechuu akka qabdu kaasaniiru.

Kanarratti muuxannoon biyyoota Eesiyaa keessumaa kan Veetinaam dansaa ta’uu ibsan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment