Ityoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 137.35 mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 137.35 guyyaa har’aa mallatteessaniiru.
Waliigaltichi gama dhaabbata idil addunyaa deeggarsa barnootaa jedhamuun taasiifameera.
Doolaarri miiliyoona 14.85 miidhaa weerara vaayrasii koroonaan damee barnootarra qaqqabeef deebii laachuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Maallaqa waliigaltee kanaan argame keessaa Doolaarri miiliyoonni 122.5 uwwisa barnootaa waliin ga’uuf kan oolu jedhame.
Waliigalticha Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa aadde Yaasihiin Wahabraabii fi Ityoophiyaatti daayreektarri Baankii Addunyaa Usmaanee Diiyoon mallatteessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment