Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan hariiroo Paarlaamaa cimsuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan hariiroo Paarlaamaa cimsuu akka qaban ibsame.
Aljeeriyaatti ergamaan addaa fi ambaasaaddara guutuun Ityoophiyaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw preezdaantii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aljeeriyaa Cheeniin Siliimaan waliin mara’ataniiru.
Ambaasaaddar Nabiyaat,biyyoonni lamaan hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise hariiroo Dippiloomaasii fi siyaasaa seenaa qabeessa qabaachuu himaniiru.
Hariiroo cimaa kana gara walitti dhufeenya ummataa, tumsa diinagdee fi hariiroo waloo hundagaleessatti guddisuuf hojjetamuu akka qabu eeraniiru.
Aljeeriyaan dhimmoota Afrikaa keessatti biyya qooda olaanaa qabduu fi Ityoophiyaa waliinis dhimmoota waloorratti ejjennoo walfakkatu kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf walitti dhufeenya Paarlaamaa fi Paarlamaa cimsuun dhimma ijoo ta’uu ambaasaaddar Nabiyaat kaasaniiru.
Preezdaantiin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aljeeriyaa Cheeniin Siliimaan gama isaaniin, biyyoonni lamaan hariiroo cimaa jiru haalaan kan hubatan ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan walitti dhufeenya Paarlaamaa cimsuuf yeroo yeroon muuxxannoo waljijjiiruu fi daawwannaa hojii gaggeessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan hariiroo dippiloomaasii Paarlaamaa cimsuuf daawwannaa fi muuxxannoo waljijjiirraa gaggeessuuf marii taasiisaniin walii galamuu ragaan Aljeeriyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment