Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan hariiroo daldalaa guddisuuf walii galan

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan hariiroo daldalaa guddisuuf waliigalaniiru.

Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachow fi Ministirri Ministeera daldalaa Aljeeriyaa Kamiil Raziig haala hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Hariiroon siyaasaa cimaan biyyoonni lameen qaban damee daldalaanis dabalamuu akka qabu mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan waliigaltee hariiroo daldalaa bara Faranjootaa 2017 qabaatanis waljijjiiraa daldalaa guddisuuf biyyoonni lameen walitti dhiheenyaan hojjechuu akka qaban himameera.

Biyyoonni lamaan wayita hojmaanni daldala bilisaa Afrikaa hojiitti hiikkame daldala Ardichaarratti sadarkaa olaanaan hirmaachuuf carraa bal’aa qabaachuu Ministirri Ministeera Daldalaa Aljeeriyaa Kamiil Raziig ibsaniiru.

Hariiroo daldalaa biyyoota lamaani cimsuuf caawunsiliin daldalaa Ityoo – Aljeeriyaa hundaa’uun sochii eegaluu akka qabu dubbataniiru.

Aljeeriyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa walitti dhufeenya daldalaa biyyoota lamaanii guddisuuf sochii jajjabeessaa taasiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachow ibsaniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaati marii hariiroo daldalaa bara Faranjootaa Amajjii 18, 2021 Interneetiin taasiifamurratti dhaabbileenn Aljeeriya akka hirmaatan waamicha taasiisuu isaanii ragaan Aljeeriyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment