Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan damee annisaa haaromsaarratti waloon hojjechuuf fedhii qaban ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Aljeeriyaatti ergamaan addaa fi Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiyaat Geetaachoo Ministira Ministeera raabsaa aannisaa fi humna haaromsaa Aljeeriyaa proofeeseer Shamaas Ideen Shiiruur waliin mari’ataniiru.

Turtii isaaniitin biyyoota lamaan gidduutti damee humna haaromsaa fi raabsaa annisaarratti karaa waloon hojjechuu danda’aan irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat Ityoophiyaatti damee humna  haaromsaa fi aannisaarratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa dabalatee, haayidroo elektirikaa, qilleensa, aaduu fi proojektoota  maddaa aannisaa haaromsaa Jii’oo Tarmaal bocuun raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi adeemsa hidha haaromsaa hordoofee miistirichaf ibsa kan taasisaan yoo ta’u, Ityoophiyaan hidha haaromsaa ilaalchisee adda addummaa biyyoota yaa’aa gadi waliin qabdu marii hiikuuf ejjennoo isheen qabdu himaniiru.

Ministirichi gama isaaniitin Ityoophiyaan aannisaa haaromsaa qabdu misoomsuuf tattaaffii taasiftuu Aljeeriyaan deeggarsa ni taasiifti jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment