Ityoophiyaa daragaggoota hojiilee rakkoolee furan uumaniin tarree biyyoota dorgomtootaa hiriirte

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC)- Daragaggoonni Ityoophiyaa hojiilee rakkoolee furan uumuun tarree biyyoota dorgomtootaa keessaa tokko ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa Ibse.

Gareewwan lama Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii idil addunyaa ijaarsa dhaloota waaraa fi dargaggoota yaadaa kalaqaa qabanirratti dubartoonni gurmaa’an hirmaachaa jiru.

Ityoophiyaa bakka bu’uun dubartoonni dorgoman, daa’imman hanqina oksijiiniin rakkatan baraaruu fi sababa kanaan baay’ina daa’imman du’anii hir’isuuf kan tumsu hojii kalaqaa dhiyeessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun fuulduratti biyyoota 30 keessaa maqaa Ityoophiyaa waamsisuutti baga gammaddan jechuun ergaa dabarsuunii, carraa gaariin akka quunnamuun hawwuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment