Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa damee tuurizimiin filatamtuu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Tuurizimiin Ityoophiyaa beeksise.
Daayriktarri Olaanaan Tuuriizimii Ityoophiyaa obbo Silashii Girmaa, sadarkaa biyyaalessaatti jijjiirama dhufe waliin walqabatee mootummaan bakkeewwan tuuriizimii misoomsaa akka jiru himaniiru.
Proojektii Maaddii Shaggar gara maaddii biyyatti guddisuun haroowwan Naannoo Oromiyaa Waancii, Naannoo Kibbaatti Koyishaa Naannoo Amaaraatti Gorgooraatti bakka tuuriizimii cimaa gochuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru jedhan.
Maaddii Shaggar gara Maaddii Biyyaatti akkuma guddifne Maaddi biyyaa gara Ardiitti guddisuun qabeenya Ityoophiyaa fayyadamuun haga gabaa Afriikaatti babal’isuun akka danda’amu mirkaneessineerra jedhan.
Gama kanaan Biyyatti Afriikaa keessatti fakkeenya akka taatu gochuuf hojjetamaa jira jedhan.
Tuuristoonni Ityoophiyaa akka filataniif hojiileen garaa garaa hojjetamaa jira kan jedhan, Obbo Silashiin hojiileen beeksisuu kanneen ammayyeessan gabaa tuuriizimii idil Addunyaatti Itiyoophiyaa dorgomaa taasisuu akka danda’an ta’u dubbatan.
Daawwachiftonni eeyyama akka argatani9i fi daawwachiiftonni dhuunfaa gara waldaalee daawachiiftotaatti akka guddatan hojjetamaa jiras jedhan.
Madda:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.